2 Corinthians 7:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato tatabeeni tiyya ta qara isani lalefachiiftele, anini waan t'aafeefi ingaabu. Yo sila aka tatabeeni suni haga diqa toko ch'alla isani lalefachiifte arge ufii gaaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo ergaan tiyya ta qaraa isan laaleffachiifteellee, anin waan barreesseef hingaabu; yo silaa akka ergaan sun haga diqqaa tokko callaa isan laaleffachiifte argee ufii gaaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu; yoo gaabbellee dhaamsi sun hennama diqqo'oof akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu, yoo gaabbellee dhaamsi sun hennaa diqqo'oof qofa akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Asiin durana ergaan isiniif barreesse ka isin gaddisiise yoma ta'e'llee, ergicha barreessuu kiyyaan hin gaabbu, gaddee yoma jiraadhe'llee waan ergaan kiyya yeroo muraasaaf isin gaddisiiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe.