2 Corinthians 7:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma anini ingammada, maro isani lalefachiiseeniti, ammo maro lalefachaani teesani daandi teesani iraa isani gorsiteefi. Lalefacha suni Waaqati hujiini hojate, ammo nu woma isani intolchine.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma ammoo, marroo isan laaleffachiseenitii, marroo laaleffachaan teessan daandii teessan irraa isan gorsiteef anin ingammada; laalefachaa sun Waaqaatti hujiin hojjate malee, nu homaa isan hintolchine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane, sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu gammadee jira, sababaan ittiin gammadeef'llee waayee isin hin gaddisiiseef uduu hin ta'in, sababaa gadda keessaniitiin dhiifamaan gara Waaqaa deebitanii jijjiiramuu keessaniin, eegaa gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan ta'eef, nu'u womaa isin hin miine jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine.