2 Corinthians 8:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee anatti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana anini akana herega: sila ira isanii goomti yo waan ganna dabre iti keyatani hobaaftani. Isani worra qaraa ka waan kana tolche; suni ch'allaaniti, ammo isani worruma qara ka fed'i ufitiini waan kana tolchu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin yo silaa waan ganna dabre itti keeyattan hobbaaftan irra isanii goomtti seha. Isanii warra qaraa ka waan kana tolchee; sun callaanitii, ammoo isan warruma qaraa ka fedhii ufitiin waan kana tolchu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhimma kanaan isiniif mishaa ta'ee ka natti mulidhate gorssa isiniif ni kenna, woggaa dabrre kennuu qofaaf uduu hin ta'in kana raawwachu'uuf jalqaba, ka barbaaddan isin turttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade.