2 Corinthians 8:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo isan wa keennuu feettanii, Waaqii homaa isan qabdan ka isan baaftan sun fudhata malee, waan isan hinqamne hinbarbaadu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo fedhiin mishaan jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabneenii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fedhiin mishaan yoo jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabineenii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kennu'uuf fedhiin misha'aan yoo jiraate arjoominni namaa fudhatama ka argatu, haga qabuun yoo kenne malee haga hin qabnneen yoo kenneenii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.