2 Corinthians 8:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan nu isa kad'anne ch'alla ee injenne; ammo ufi baase, aka gara keesani deemu heregate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan nu isa kadhanne callaa hinfudhannee; ufi baaseetti, akka gara keessan deemu herregate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammoo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tiitoos gara keessan ka dhufe fedhuma mataa isaatiin kaka'ee gammachu'uun malee, nu'u waan isa kadhanne qofaafii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe.