2 Corinthians 8:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargali worri argate guddo worra ilaalate; ammo guddo gammadani arjoomaani namaa wo kennani, ato hiyyeeyi tahanile.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargalii warrii argate guddoo warra laallate; ammoo adoo hiyyeeyyii, ta'aniillee guddoo gammadanii arjoomaanii namaa wa kennan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu rakkinna gudda'aan qoramanii jiran, guddinni gammachuu isaaniitii fi hiyyummaa isaanii guddisee baay'atullee kennaa isaaniitiin duroomaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinna gudda'aan qoramanii uduu jiran, guddinni gammachuu isaaniitiif hiyyummaa isaanii guddisee baayi'atullee, kennaa isaaniitiin duroomaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan rakkinnaa baayi'e'een qormaatamanii jiran, haa ta'u malee gammachuun isaanii ol aanaa ni ture, haalaan hiyyeeyyii yoma ta'ani'llee, arjooma ol aanaa raawwatanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran.