2 Corinthians 8:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama gargaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nu oboleesa keenna worra woliini ergine; nu ya maro heddu isa ilaalanne, aka inni hojja ch'ufa aka nama qarqaaru kurfo jiru argine. Amma maro inni guddo isani d'ugefatuufi haga qarale ira kurfo jira aka isani qarqaaru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu obboleessa keenna warra waliin ergine; nu marroo hedduu isa laallannee, akka innii yo cufa akka nama qarqaaru kurfoo jiru ya garre. Amma marroo innii guddoo isan dhugeeffatuuf akka isan qarqaaru haga qaraallee irra kurfoo jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa heddu waan hedduun isa qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa heddu waan hedduun qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef; ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo baayi'ee karaa baayi'een qoratamee hisataa ta'ee ka argame obboleessa keenna Tiitoosiin woliin ka ergineef'llee waayee kanaan, inni amantiin isin irratti qabu guddaa waan ta'eef, amma hujii kanaan gargaaru'uuf hisanni inni qabu, ka yeroo kamiinuu caalu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera.