2 Corinthians 9:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi ka sanyi oobranifi qit'a nyaatani namaa kennu, sanyi isani feetani ch'ufa isanii kenna ammalle inni sanyi suni imbaasa, aka mid'aani guddo d'altu; maro arjooma keesanitiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ka sanyii oobranii fi qixxaa nyaatan namaa kennuu, sanyii isan feetan cufa isanii kenna; ammallee innii sanyii sun, akka marroo arjooma keessanitiif isiin midhaan guddoo dhaltu inbaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna; isinii barakachiisa; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii baay'eessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna. Isinii barakachiisalle'e; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii guddisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Facaasa'aaf sanyii, nyaataaf buddeena Waaqinni kennu, sanyii facaafttan atootessee isiniif ni kenna, firii arjjoomnni keessan isinii ni baayi'ata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.