2 Corinthians 9:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hujiini teesani tunini d'ugefacha teesani agarsiifti, tanaafi nami hedduuni Waaqa guddisa, waan isani akuma d'uga Odu Dansa ta Kristo jaalattani guuttaniifi, ammalle waan isani arjoomtani worraafi nama d'ibile geetaniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hujiin teessan tunin dhugeeffachaa teessan agarsiifti, tanaaf namii hedduun Waaqaa guddisa, waan isan akkuma dhugaa oduu dansaa Kiristoo jaalattanii guuttaniif, ammallee waan isan arjoomtanii warraa fi nama dhiibiillee geettaniif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Dubbii Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Oduu Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tajaajilli arjjoomaa keessan kun isin wongeela Kristosii fudhattanii amanamoota ta'uu keessan fi isaaniif kaanniinii'llee arjjoomuu keessan ka mirkaneessu waan ta'eef, marrinuu Waaqa ni galateeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa.