2 Corinthians 9:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, “Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophayeera” jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini aka isani nama qarqaaru feetani imbeekha, tanaafi anini waan kana worra Makedoniati odeese. Anini waan jed'e, Oboleyaani Akaya jirtu haga ganna dabreti kurfo jirti aka worra qarqaartu. Hujiini teesani tunini ya nama heddu kokhorsite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka isan nama qarqaaruu feetan inbeekaa, tanaaf waan kana warra Maqedooniyaatti hime. Anin, “Obboleeyyaan Akaayyaa jirtu haga ganna dabreetii akka warra qarqaartu kurfoo jirtii” jedheetti waan keessan dubbadhe. Hujiin teessan tuniin nama hedduu ya chochoofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoonni biyya Akaayiya'aa waggaa dabrree jalaqabanii gargaaru'uuf qophaayota» jedhee, namoota Maqedooniya'aa biratti waayee keessaniin ka dhaadadhu, hisata keessan waan beekuuf, hisanni keessan kaanniin'llee kakaasee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, «Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophoweera» jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera.