2 Corinthians 9:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma oboleyaani tana gara keesani erga, aka wonti nu waan keesaniini ufi guddimneefi d'ara intaane; ammo, akuma anini jed'e, isani qarqaarsa keesaniini kurfo taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka wantii nu waan keessaniin ufi guddimneef dhara hintaanee, anin amma obboleeyyaan tana gara keessan erga, ammoo akkuma anin jedhee, isan qarqaarsa keessaniin kurfoo taahaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee booni ani isiniin boonu akka duwwaa hin taane obbooleewwan erga.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee boonni ani isiniin boonu duwwaa akka hin taane, obbooloota erga.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee kanaan dhaadannoon isin irraatti qabnnu tasa ta'ee akka hin hafinneef obboleeyyan kanniin ni erga, isin'llee akkuma ani asiin duran jedhetti qophaaya'aatii eegaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a.