2 Corinthians 9:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Maqedooniya'aa ana woliin dhufee, adoo isin hin qophoyin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo akasi intahiini, gaafa worri Makedonia na woliini d'ufe aka isani kurfo intahiini arge, guddo nuu ch'eera, ch'eera keesani lafa d'aaba, waan nu guddo isani d'ugefanneefi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo akkas hintahin, warrii Maqedooniyaa gaafa na waliin dhufee, akka isan kurfoo hintahiin argee, guddoo nuu ceere, waan nu guddoo isan dhugeeffaneef, ceera keessan lafa dhaabaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin callaa uduu hin ta'in nu worri isin abdannellee hin saalfanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin qofa uduu hin ta'in; nu worri isin abdannellee hin saalfanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni Maqedooniya'aa anaan woliin gara keessan dhufanii, ka hin qophaayin taatanii yoo isin argan isiniin dhaadachuu keennaaf ni saalfanna, isin ammoo haalaan ni saalfattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Maqedooniya'aa na woliin dhufee, adoo isin hin qophowin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan.