2 Corinthians 9:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, gargaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaassisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee anatti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophaye te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini herege oboleyaani tana kad'ad'e, aka worri nu dura dabre waan inkennina jettani durati kurfeesani. Gaafa anini d'ufe ya kurfo taate, Duuba wonti sunini aka isani irre male kennu feetani agarsiifti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin herrege obboleeyyan tana kadhadhee, akka warrii nu dura dabree waan inkenninaa jettan duraatti kurfeessan. Gaafa anin dhufe ya kurfoo taate, Duuba wantii sunini akka isan irree malee kennu feettan agarsiifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii, gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsiisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf kennu'uuf waadaa ka aseenttan kennaa keessan ka arjoomaa, durssitanii akka qopheesitan akka isin yaadachiisaniif jechu'uun, obboleeyyan kunniin durssanii gara keessan akka dhufan, barbaachisaa ta'ee argadhee jira. Bifa kanaan yeroo ani dhufutti kennaan keessan ka arjoomaa qophaayaa ni ta'a, isin'llee worri kennitan dirqamaan uduu hin ta'in, fedhi'in ta'uu isaa ni muldhisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, qarqaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaabachiisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee natti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophowe te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa.