2 Corinthians 9:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabbattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan isani feetani ira isanii kennu indandaa, aka isani waan feetani ch'ufa argattani ammalle ira isanii haftu, aka huji dansa ch'ufaani guutattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii akka isan waan feetan cufaa argattanii, ammallee irraa isanii haftee, hujii dansaa cufaan guutattanii waan isan feetan irra isanii kennu indanda'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Bittinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata» jedhamee akkuma barreeffame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bitinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata jedhamee akkuma barreeffame Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baayi'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo maraa waan maraanuu mataa keessan dandeettanii hujii mishaa maraaf oolichu'uuf akka isinii gayu, Waaqinni baayi'innaan eebba isaa isinii kennuu ni danda'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a.