2 John 1:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle giitti'i! Akka wol jaallannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini si kad'ad'a, Aato, nuuni ch'ufti woljaalanna. Seeri anini sii t'aafu kunini hareesaaniti; seeruma haga duriiti harkaa qamnu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin akka, nuun cuftii waljaalannu si kadhadhaa, Seerii anin sii barreessu kunin haareessaaniti; seeruma haga duriiti harkaa qamnu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Giiftii'i! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa giifttittii haadha worraa, ammallee yaaboo sitti haa ta'u, wonitti siif barreessu kun haarawa sitti hin fakkaatin, amma ka siif barreessu, «Ufii keennaa wol haa jaalanuu» ka jedhu, jalqabumaayyuu kaasee ajaja nu bira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle giitti'i! Akka wol jaalannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti.