2 John 1:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka Yesuus Kiristoos fooniin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami nama sobu hedduuni ka Yeso Kristoni fakaata nama intaane jed'u, ya lafa d'ufe nami akana kunini nama soba, inni nyaapa Kristoti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii nama wallalchisu hedduun ka “Yesus Kiristoon nama ta'ee hindhumne” jedhu, ya lafa dhufee namii akkanaa kunin nama dharaati, innii nyaapha Kiristooti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dogoggorsitoonni baay'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aa fi ka Kiristoosiin mormu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka Yesuus Kiristoos fooniin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu.