2 John 1:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami barsiisa Kristo keesa inteenne, ammo biraa dabru, Waaqa inqabu. Nami barsiisa suni keesa tau Abbaafi Ilmale inqaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii barsiisa Kiristoo keessa hinteenne, biraa dabruu, Waaqaa hinqabu. Namii barsiisa sun keessa taa'u Abbaa fi Ilmaallee inqaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraannee fi namni barumsa isaa keessa hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisa Kristositiin jabaatee ka hin jiraannee fi isa irraa'llee fagaatee ka deemu, Waaqinni isa woliin hin jiru, barsiisa Kristositiin jabaatee naminni jiraatu garuu, Waaqinni Abbaanii fi Ilmi'llee isa woliin ni jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba.