2 Kings 1:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hayyichi nama askarti shantamati mata toko d'ibi jara isaa woliini erge. Inni gaara kore Eliya durati jilbifate kad'ate waan jed'eeni, Ee nama Waaqaa, anaafi jara kiyya nahi, lubbu nu baasi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi hennaa sadeesso'ootiif ajajoota shantamaa namoota shantamaa woliin erge; ka sadeesso'oo kun garuu Eeliyaasiin afo'otti jilbiiffatee, «Nama Rabbii! lubbuun tiyyaa fi lubbuun namoota shantamman kanniinii afoo keetitti ulfinna haa argattuu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi ammalle ajajaa shantamaa ka sadeesso'oo loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa ka sadeesso'oo kun gara Eliyaasii ol bayee, isa duratti jilbiiffatee, «Nama Waaqaa! Maganne'ee, jiruu tiyyaa fi jiruu tajaajiltoota teeti shantama tanaa marari!