2 Kings 1:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Ahaziani mana isaa ka Samaria, jiru iraa d'aqate aka hama wotahe. Tanaafi inni nama gara Baal-Zebubu, waaqa dira Ekroni, erge waan jed'eeni, Anini infayya mo infayyu? jed'aa na gaafad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti gamoo irra jiru irraa kufee waan madaayeef dhibamee ture; inni, «Mee akka ani dhibee kana irraa fayyuuf hin fayyine waaqa tolfamaa Aqaaroonii ka biyya Filisxeemii Bi'eelzebuuliin dhaqa'aa naa gaafadhaa'a» jedhee ergamtoota ufii erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san mootichi Israa'elii Ahaaziyaan, Samaariyaa keessatti kolloo mana mootummaa ifii ta gubba'aa irraa bu'ee miidhamee irkateeraayyu; maarre inni, «Ani dhibee tana irraa ka fayyu yoo te'e, Ba'aal Zebub waaqa qachaa Eqroonii Filisxeemotaa dhaqa'aatii naaf gaafadha'a!» jedhee namoota erge.