2 Kings 1:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo malaikaani AABBO Waaqa waan Eliya worra Tishbitini jette, Kai, gara jara hayyu Ahazini erge d'aqi, waan jettuuni, Atini maanifi Baal-Zebubu waaqa Ekroni wogaafata? Atini waan waaqi Israeli keesa jiru inseetu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu maleekkaan Rabbii Eeliyaasii raatticha gosa Teesbi'iitiin, «Ka'iitii worra dhaamsaan deeman ka worra Samaariya'aa bira dhaqiitii, ‹Isin wonti waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuuliin gaafachu'uuf deemtaniif biyya Israa'elii keessa Waandhi hin jiru jettanii waan yaaddaniifii?›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ammoo, Eliyaasii Tishbeetichaan, «Ka'iitii namoota mootichi Samaariya'aa erge dhaggiisaaf ol bayiitii, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf dhaxxanii?› jedhii gaafadhu.