2 Kings 10:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yehuni arti bahe jennaani Yehonadabu, ilma Rekabutini, fuula keesa wold'ufani, Yehuni nagaya fuud'e waan jed'eeni, Anaafi sii dandeenne wold'anne, woliini inhojanna? Yehonadabuni waan jed'eeni, Dansa, indandeenna. Yehuni waan jed'eeni, Harka kanke kenni yoosi, worri harka wolfuud'e, Yehuni gaari ufi isa yaabachiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyuun achii ka'ee haga deeme Iyyoonaadaabii ilma Reekaabiitiin wol gayee nagaya gaafateenii «Akka garaan kiyya si woliin jiru ati fayyaalumma'aan na woliin jirtaa?» Jedhee gaafate; Iyyoonaadaabillee «Ee wolii galla» jedheen. Iyyuun deebisee, «Yoo akkas ta'e harka as kenni!» jedheenii gaarii fardaa irra baasee uf bira teessise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yehuun achii ka'ee yennaa deeme, ilmi Rekaabii Yonaadaab isa dhaggiisaaf dhufuun, karaa irratti dhaggee, nageya fuudhee, «Akkuma gadhaan kiyya si'iif jiru gadhaan keeti naaf jiraa?» jedhee gaafate. Yonaadaab deebisee, «Eeti'i» jedhe. Yehuun deebisee, «Yoo akkas teete harka kiyya qabadhu» jedheen. Maarre inni harka isaa qabate; Yehuulle isa qarqaaree, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee,