2 Kings 10:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
raagoota Baalitifi nama isaa kad'atuufi qaalole ch'ufa wolti yaama, tokole inhambisina; inni anini sorio guddo Baali baasa nama achi injirre ch'ufa inijeesani jed'e. (Wonti Yehuni akasi taheefi aka worra Baali kad'atu ch'ufa malani hobaasu.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isin amma raattota waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu, hojjattoota isaatii fi gadoota maraa gara kiyya waamaa'a; eennullee akka hin hafne; ani waaqa tolfamaa ba'aaliif ciincaa guddaa dhiyeessu'uuf ta'a namni hafe maruu du'aan adabama» isaaniin jedhe; Iyyuun worra waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan fixu'uuf mala kana dhaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf amma, raagota Ba'aalii mara, tajaajiltoota isaatii fi hayyoota isaa mara naaf waama'a. Ani ciincaa guddaa Ba'aaliif waan dhikeessuuf, nami tokkolle hin hafin! Nami hafe hin ijjeefama» jedhe. Yehuun ammoo tajaajiltoota Ba'aalii balleessiisaaf mala kana dhowe.