2 Kings 10:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani eegi suni Yehuni mana Baali suni Yehonadabu, ilma Rekabu, woliini seene waan biyyaani jed'e, Qorqorad'a, aka nami arma jiru kunini nama Baali kad'atu ch'allaa, ammalle aka nami AABBO Waaqa kad'atu tokoleeni keesa injirre qorqorad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyu'uu fi Iyyoonaadaabi ilmi Reekaabii gara mana waaqa tolfamaa itti waaqeffatan seenanii namoonni asitti argaman kunniin worra waaqa tolfamaa waaqeffatanii fi worra Waaqa waaqeffatan tokkollee akka as keessa hin jirre adda baafadhaa'a» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yehuun, ilma Yonaadaabii Rekaab woliin gara galma Ba'aalii seenee, tajaajiltoota Ba'aaliitiin, «Tajaajiltoota Ba'aalii malee, tajaajiltooti Mootii Waan Maraa isin woliin as akka hin jirre hubadha'aatii ilaala'a» jedhe.