2 Kings 10:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani isaafi Yehonadabuni olseenani soriofi waan gubani baasani Baalii baasani. Duuba inni qara nama saddeetama d'aatu mana suni d'osse waan jed'eeni, Worra kana ch'ufa hobaasa nama worra kana, nama tokole lakise inijeesani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoma san Iyyuunii fi Iyyoonaadaabi ciincaa waaqa tolfamaa ba'aaliitii fi ciincaa adda addaa ka biraallee dhiyeessu'uuf seenan; uduu waan kana hin gooneen duratti Iyyuun naannaya mana itti waaqeffataniititti loltoota saddeettamaa yaasee namoota kanniin maraa ajjeesaa'a nama kanniin keessaa namni tokko akka inni dheessee bawu godhe bikka isaa namni sun hin ajjeefama!» jedhee ajaja kennee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yehu'uu fi Yonaadaab ciinca'aa fi kennansa gubamu dhibiille Ba'aaliif dhikeessiisaaf gara keessaa seenane; yennaa san Yehuun namoota saddeettama galmaan alatti dhaabbachiisee, «Isin keessaa, namoota ani isinitti kennu keessaa nami tokkolle akka miliqu ka godhe, inni addee nama miliqe sanii hin ijjeefama!» jedhee isaan ifi eeggachiise.