2 Kings 10:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yehuni tatabe d'ibi worrati t'aafe waan jed'e, Hojja isaani gara kiyya jiraatani dubbi tiyya ch'aqaftani, mata ilmaani Ahabu bori hojja tana Yezreeliti natiini koota. Ilmaani torbatama ta Ahabu harka worra gugurda dira suni ka worra gugurdise jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyuun hennaa lammeesso'ootiif deebisee, «Eega garboota kiyya taatan waan ani jedhellee eega dhageettan morma ijoollee gooftaa keessanii mura'aatii boru hennaa akkanaa gara biyya Yisiraa'elii hulee ani jiruu qabadha'aa koottaa'a» jedhee xalayaa isaanitti barreesse; hennaa san ijoolleen torbaatamman mootichaa worra isaan guddisu bulchoota qachatti'ii bira turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yehuun, «Isin yoo golii tiyya teetanee, naaf ajajatane, mataa ilmaan goottaa keessanii mura'aatii boru yennaa tana Yizre'elitti gara kiyya fida'aatii kowa'a» jedhee xalayaa lammeesso'oo isaanii barreesse. Yennaa san ilmaan mootichaa torbaatam, sooreyyii qachaa Samaariya'aa worra isaan guddisu bira jirtiiyyu.