2 Kings 10:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariite jennaani inni gara fullo suni d'aqe waan biyyaani jed'e, Nami Yoramu mala iti d'aate ijeese anuma, isani keesa injirtani. Ammo eenuti worra kama ch'ufa fit'e?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga lafti bariite balbala dallawa qachatti'ii bira dhaabatee banii achi dhaabataniiran maraan, «Mootii Iyyooraamiin ka ajjeesisiise ana; kanaafuu isin waan kanaaf hin gaafatamtan; garuu kanniin maraa ka ajjeese eennu?» jedhee dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa ganama Yehuun gara seensuma karra qachaa sanii gad bayee, kolbaa achi jirtu mara dura dhaabbatee, «Isin balleessaa hin qaddanu. Mooticha Yoraamitti mala dhowee ka ijjeese ana; worra kana mara ammoo ka ijjeese eennuu?