2 Kings 11:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
hayyu ka utuba balbala Mana Waaqa fulla aada gula hayyuuni eju, eju agarte. Isa jara gugurdafi worra magalata d'auti marse bira ejaanja, biyyitileeni gammadde lalabde magalata d'oofti. Jennaani Athaliani woya ufi tatarsaafte, iyyite waan jette, ya mala nati d'aatani na balleesani! Ya na balleesani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma achi geetteen mootichi haarofni akka aadaa baratameetitti inni utubaa balbala mana woyyumma'aa bira ka dhaabatu argite; inni hennaa san worra loltoota ajajuu fi worra xurumbaa afuufaniin marfameera; hennaa san baniin maruu gammadanii xurumbaa afuufa'aa ililfata'aa turan; Gotoliyaan guddiftee naatee uffata ufii tarsaaftee «Kun mala didda'aati; kun mala didda'aa ka na irratti dhayanii na balleessan!» jedha'aa iyyite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma baratame mootichi utubaa bira dhaabbatee, qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbateeruun dhaggite; kolbaan lafa sanii marti gammadee tultullaa afuufiisatti jirtiiyyu. Achiin duuba Ataaliyaan gadditee woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a!» jettee iyyite.