2 Kings 11:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yehoyadani hayyufi biyyale ch'ufa wolti yaame, aka worri nama AABBO Waaqa tahe, isaani wold'aqani woliini taani tolche; inni ammalle akasuma hayyuufi biyyale wold'ageesise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoodaaheen mootichinii fi baniin akka banii Rabbii ta'an Rabbiin woliin akka waadaa galan taasise, akkasuma mootichinii fi baniinillee akka wolii waadaa galan godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te'anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka'atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle'etti gondooroo gondoore.