2 Kings 11:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani biyyiti ch'ufti mana Baali d'at'e ch'ach'absite; worri fulla sorio irati baasanifi waan boch'ani kad'atanile ch'ufa ch'ach'absani balleesani qaallicha Baali ka Maatani jed'anile waan sorio irati baasani durati ijeesani. Jennaani Yehoyadani nama Mana Waaqa eegu tolche,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa baniin biyyaa maruu gara mana waandhi tolfamaan ba'aal jedhamu itti waaqeffamu dhaqanii mana inni itti waaqeffamu san diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii isaa maraa caccabsanii Maataanii gadicha waaqa tolfamaa ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan. Yoodaaheen gadichi Rabbii worra mana woyyummaa Rabbii bulchan muude.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba kolbaan lafa Yihuda'aa marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa caccassite; hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa duratti ijjeette. Hayyichi Yoyaadaan Galma Mootii Waan Maraa akka eeganuuf eeddota itti godhe.