2 Kings 11:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isaafi worri gugurda askartitifi jara hayyu eegufi jari mana hayyu eeguleeni, hayyu fulla Mana Waaqati fuud'e, mana hayyuuti geese, ka biyyiti ch'ufti gula yaatu. Yoashini balbala eedotini olseene, barch'uma hayyu ira tae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanaan maayessa gadichi ajajoota dhibbaa, worra Kaaraanii, worra balbala eeganii fi banii biyyaa maraa waamee, mooticha mana woyyuu Rabbiitii baasanii karaa balbala worra balbala eeguutiin gara mana mootumma'aa isa fidanii teessoo mootumma'aa irra isa teessisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ajajjoota dhibbaa, eeddota mooti'ii, eeddotaa fi kolbaa biyya sanii mara fuudhee, isaan woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasee, karaa karra eeddotaatiin gara mana mootumma'aa seensisane. Achiin duuba mootichille barcumaa mootumma'aa irra tee'e.