2 Kings 11:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ganna torbeeso qaallichi Yehoyadani, worra gugurda askarti hayyu eeddu matatifi worra mana isaa tissuleeti mataa yaame Mana Waaqati koota jed'eeni, kakhachiise, waan inni tolchu fed'u iti hime. Duuba inni Yoashi ilma Ahazia worra garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu gadichi Yoodaaheen woggaa torbeesso'ootitti worra balbala mana mootumma'aa eegan, bulchoota mana worra mootumma'aa eeganii fi ajajoota loltootaa marattuu dhaamsa ergee akka isaan gara mana woyyumma'aa dhufan taasise; achitti waan ufii godhu'uuf yaade akka isaan maarre jedhan isaan kakachiisee ilma Akaaziyaasii Iyyoo'aasiin isaanitti mudhise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woggaa torbeesso'ootitti ammoo hayyichi Yoyaadaan, ajajjoota dhibbaa ta eeddota mooti'iitii fi ta eeddota mana mootumma'aa maratti ergee, gara Galma Mootii Waan Maraa isaan waansise; achitti isaan woliin gondooroo gondooratee, isaan kakachiiseen duuba, ilma mootichaa isaanitti mudhise.