2 Kings 12:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoashini, hayyuuni Yuda, waan jari duri isa durati hayyu tahe, Yehoshefathifi Yehoramufi Ahaziani AABBO Waaqa baase, fuud'e, waan inni baaseefi worqi Mana AABBO Waaqatifi ka hayyu keesa jirtu ch'ufa iti dare Ahazeli hayyu Shamuti erge, jennaani Ahazelini askarti isaa Yerusalemu biraa galche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa Iyyooraamii fi mootiin Akaaziyaas qulqulleessan waan ufii qulqulleessellee worri mana woyyuu Rabbiitii fi mana galmee mootumma'aa keessatti argame maraa fuudhee Azaahelii mootii biyya Sooriya'aatii ergee ufii garuu Yerusaalemitti hafe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yihuda'aa Yo'aas ammoo, meya abbootiin isaa ta durii moototi Yihuda'aa Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan Galma Mootii Waan Maraatiif adda baasanee woyyoonsane mara, kennansa inni ifumaafuu adda baase, worqii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggante mara mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliif erge; achiin duuba Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee deeme.