2 Kings 12:21 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa ilmi Sama'aatii Yoozaakaarii fi ilmi Shoomeerii Yoozaabaati isa dhayanii ajjeesanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame, bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltoti isaa worri isa ijjeese ilma Shime'aatii Yozaabaadii fi ilma Shomerii Yehozaabaad. Yo'aas du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Amaasiyaan addee isaatitti mootii te'e.