2 Kings 12:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yehoyadani sanduqa fuud'e qadaada isaa ure, sanduqa suni waan sorio irati baasani gama mirga fulla Mana Waaqa oliini seenani d'aatu kaaye qaaloleeni balbala eeddu beese Mana Waaqatini d'ufani ch'ufa sanduqa suni keesa buufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoodaaheen gadichi garuu saanduuqa horiin keessa taa'u fuudhee banee balbala mana woyyumma'aa seenaniin cinaa mirgaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye; Gadoonni horii kenna'aa ka namoonni qabatanii gara mana woyyu'uu dhufan fuudha'aa horii san fida'aa keessa buusan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan saanduqa tokko fuudhee qadaaddaa isi'ii irratti urata baasee, karaa nami Galma Mootii Waan Maraa seenu gara middaatiin addee ciinca'aa bira keye. Hayyooti seensuma eeddu, beesee namooti gara Galma Mootii Waan fidane mara fuutee, saanduqa keessa keettiiyyu.