2 Kings 13:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani dubbi raaga gula hayyichi deresha gara lafa Shamuti aanu bane. Elishani waan jed'eeni, T'iya darbad'u. Akuma hayyichi t'iya darbateeni raagi waan jed'eeni, T'iyiti AABBO Waaqa ta inni Shamuni dabsatu sii, atini worra Shamu haga dabsatuuti Afeki keesati haata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Foddaa gara ija bariisa'aatiin jiru banii darbadhu» jedheen; innillee hin darbate; kun eboo Rabbii fayyisa'aati; sababaa keetiin Rabbi worra Sooriya'aa dhaya; ati worra Sooriya'aa haga mooyattutti qachaa Afeeqii keessatti isaaniin lolta!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Elsaa'i, «Foddaa ka gara aduun baatuu bani» jedhe; innille bane; Elsaa'i, «Daaya darbadhu!» jedhe; mootichi akkuma daaya darbateen, Elsaa'i, «Tun daaya Mootii Waan Maraa ka injifacha'aa ti; inni ka worri Sooriya'aa ittiin injifatamu; ati worra Sooriya'aa qachaa Afeqi'ii keessatti ijjumaa hin balleessita» jedhe.