2 Kings 13:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma Yeroboamu, ka isa durati hayyu tahe, inni AABBO Waaqa durati ch'ubbu tolche, worra Israelile ch'ubbu keesa buuse. Inni haga jiru kara isaa hama suni lakisu dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee akkuma Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka isa dura turee cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; banii Israa'eliillee gara cubbu'uu oofee ufiillee waan hamaa hujuu hin dhiifne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san hordofiisaan, Mootii Waan Maraa duratti hujii hantuu huje; inni hujii hantuu san irraa hin deebine.