2 Kings 13:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa toko ka nama toko awaalu jirani duula worra suni argani jennaani, biyyiti reefa suni awaala Elisha keesa buufte, kaate biraa baqate. Reefi sunini akuma lafe Elisha tuqeeni jiraate, namichi kaani kae oli eje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa woyii uduu nama woyii awwaala'aaran worra balaa buusu sanniin keessaa gareen woyii uduu dhufu arganii reeffa awwaala'aaran awwaala Eelsaa'ii keessatti darbanii dheessan; reeffi sun akkuma lafee Eelsaa'ii tuqeen yoosuu du'aa ka'ee dhaabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko Israa'elooti nama du'e awwaaliisatti adoo jiranuu, saamtota worra Mo'aabii dhagganee, reeffa namichaa addee awwaala Elsaa'ii keessatti qolaansane. Reeffi namichaa akkuma lafee Elsaa'ii tuqeen, namichi du'aa ka'ee dhaabbate.