2 Kings 13:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri Israeli ammalle ch'ubbu Yeroboamuni worraatini d'ufe iraa deebiu dide, guyya ch'ufa tolchuma tolche; akheekhi waaqa Ashera jed'anileeni Samariuma keesati hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu worri Israa'elii cubbuu mana Iyyoorbi'aamii irraa hin fagaanne; akkasuma fakii dubartii waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu Samaariya'atti waaqeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, isaan cubbuu sanyii Yerobi'aamii ta inni akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine; fakkiin waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, qachaa Samaariya'aa keessaa adoo hin diigamin hatte.