2 Kings 14:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yehohashini Amazia boojie, Yerusalemu d'ufe, d'akhaa marsani dira sunini jaarani haga, fullo Efraimuti fuud'e fullo mogati d'aabe, haga d'eerinna d'und'uma d'ibba afuri ch'ach'abse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Israa'elii Yoo'aasi mootii Yihuuda'aa Iyyoo'aasii ilma Akaazii Ameesiyaas Beetasaamisitti booji'ee gara Yerusaalemii deemee kaloo Yerusaalemii balbala Efreemii irraa jalqabee haga balbalaa ciqilee dhibba afurii diige.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Israa'elii Yeho'aash Bet-Shemeshitti, Amaasiyaa ilma Yo'aasii mootii Yihuda'aa akaakoo Ahaaziya'aa booji'e; achiin duuba inni gara Yerusaalemii dhaqee, dalleya Yerusaalemii ka dhaka'aa karra Efreemiitii haga karra roga dalleyaatitti ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige.