2 Kings 14:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan Yeroboamuni tolche ch'ufa, jannooma inni nyaapani had'eefi aka inni dira Damaskitifi Hamathi worra Israeliti deebise, kitaaba Odu Hayyoota Israeli keesati t'aafaniti t'aafani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti Iyyoorbi'aam hojjate, gara jabeenni isaa, lolee Damaasqo'oo fi Hamaatiin duraan ka Yihuudotaa Israa'elootaa akka deebise galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni dhibiin ta Yerobi'aam huje duudiin, jannummaan isaa ta inni ittiin lole, Damaasqo'oo fi Haamaat ka kutaa biyya Yihuda'aa te'ane Israa'elootaaf attam akka deebise, kitaabaa dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.