2 Kings 14:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yehoashini qonqo iti deebise waan jed'e, Gaafa toko mukhi qoraati toko, ka gaara Lebanoni, qonqo mukha hind'eesa tokoti erge waan jed'e: Intala tante gurba kiyya kenni, ha fuud'uti. Jennaani bineensi toko mukha qoraati suni d'aatu bahe iti riiqate ch'ach'abse ira ejaanjate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Iyyoo'aas akkana jedhee isaa deebise, «Hennaa woyii qummuudduun gaara libaanosii irra jiraattu takka munni libaanosii mucaa kiyya ka dhiiraatii mucattii tee ta intalaa naa kenni› jettee dhaamsa itti ergite; garuu bineensi Libaanosii karaa san uduu lufu qummuuddattii irra ijjatee ajjeese;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yeho'aash mootichi Israa'elii ammoo, Amaasiyaa mooticha Yihuda'aatiif deebisee, «Yennaa tokko qoreen Libaanos keessaa, muka hindheensaatiin, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jette nama itti ergite; bineensi Libaanosii tokko ammoo karaa san dhufee, qoree san irra sirbe.