2 Kings 15:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Menahemuni Tirsa d'ufu jiru, inni dira Tapuatifi nama keesa jirufi lafa d'aatu isaa ch'ufa had'e balleese waan nami dira suni isati harka kennachu dideefi. Inni nad'eeni garaachale ch'ufa garaa babaqase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Minaaheen hennaa Tersa'aa ka'ee deemu namoota qachattii Tifisaahii keessa jiraatanii fi qachoota naannoo isi'ii jirtu maraa hin balleesse; sababaan inni waan kana godheef waan isaan harka kennachuu didaniif; kanaaf dubartoota ulfaallee uduu hin hambifne garaa tarsaase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.