2 Kings 15:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi ganni isa kud'ani jaa, duuba inni ganna shantami lama Yerusalemu keesa lafa mohate. Haad'a isaa maqaani Yekolia, isiini worra Yerusalemuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa mootii ta'u mucaa woggaa kudha jahaati; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa ta Yikooliyaa jedhamtu intala biyya Yerusaalemiiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti.