2 Kings 15:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Pekani lafa Israeli mohate, Tiglath-Pilesarini, hayyuuni Ashuru, dira Iyoni fa, ka Abel-Bethi Maakafa, Yanoafa, Kedeshifa, Hazurifa ammalle lafa Gileaditifi ta Galilayatifi ta Naftalile had'e dabsate, worra lafa suni ch'ufa boojie, lafa Ashuruti galche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara Faaquheen mootii Israa'elii ta'ee bulche mootiin Aasoorii Telgeltelfelsoor dhaqee Iyyooniin, Abeelbetima'aakaan, Yaanowaa, Qaadees, Aasoor, Gala'aad, Galiila'aa fi biyya Niftaalemii maraa qabatee gara biyya Aasoorii fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.