2 Kings 15:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna diddameeso ka Yothamuni, ilmi Uzia hayyu Yuda tahe, Hosheani, ilmi Ela, hayyu Pekati malate ijeese, fulla isa hayyu tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye woggaa diddameesso'ootitti ilmi Eela'aa Hoseen ilmi Roomeeliyuu Faaquhe'etti ka'ee dhayee isa ajjeesee bikka isaa mooye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.