2 Kings 16:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan qaallicha Uriani jed'e: fulla harreeti tana irati sorio diirama ta gubanifi sorio galgala ta mid'aani gubi baasi, ammalle sorio gubanifi mid'aani Waaqaa baasani, ka hayyuufi biyyiti baaftu, ammalle daad'i biyyiti baaftule, fulla suni irati baasi. D'iiga hori sorio qalani ch'ufa arti irati jissi. Ammo waan sorio irati baasani, ka sibiila diimani mid'aasani kiyyuma anumati tolchaani waan suni irati Waaqa wo gaafata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Aka'aaz «Ciincaa gubamu ka ganamaa kennaa midhaanii ka galgalaa ciincaa mootichaa ka gubamu kennaa midhaanii ciincaa gubamu ka banii biyyaatiif ta'u hulee ciinca'aa guddicha irratti dhiyeessi; dhiiga ciinca'aa ka gubamu maraa dhiiga ciinca'aa ka biraallee itti facaasi; hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame kana anatu itti gaafatama» jedhee Ooriyaa gadicha ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Ahaaz, «Kennansa gubamu ka ganamaa, kennansa midhaanii ka galgalaa, kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii ka mootichi fidu, kennansa gubamu, kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka kolbaan lafa sanii marti fiddu, addee ciinca'aa guddittii haareya irratti ciincessi; dhiiga horii ciinca'aaf dhikaatuu, dhiiga ciincaa dhibi'ii maralle addee ciinca'aa san irratti fiffixi. Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante ammoo, akka qajeelcha ittiin gaafadhu naa lakkisi» jedhee Uriiyaa hayyicha ajaje.