2 Kings 16:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle faana hayyoota Israeli gula bahe, aada hamtu worra AABBO Waaqi worra Israeli dura lafa keesa baase gula ilma ufile gube Waaqa d'araati sorio baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa hamaa mootonni Israa'elii irra deeman faana deeme; ilma ufiillee uduu hin hambifne waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhee dhiyeesse; hennaan inni waan kana godhe hennaa worri Israa'elii gara biyya waadaa isaanii galameetitti galu'uuf uduu deema'aaran orma Rabbi biyya san keessaa buqqisee balleesse hamaa isaan hojjatan san hojjateeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akkuma moototi Israa'elii hujane huje. Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii hujee, ilma ifiituu ibiddaan gubee ciincaa dhikeesse.