2 Kings 16:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ahazini gara Tiglath-Pilesari, hayyu Ashuru nama erge waan jed'eeni: Anini hojatu tante ta guddo sii saalfatu. Kooti, hayyooti Shamutifi ka Israeli, ta na had'u jirtu, duraa na baasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf Aka'aaz «Ani garbicha keetii fi ilma keeti; gara kiyya koottuu harka mootii Sooriya'aatii fi harka mootii Israa'eliitii na oolchi» jedhee gara mootii Asoorii Telgeltelfelsoorii ergaa erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Ahaaz, gara mooticha Asoorii Tiiglaat-Phileeseritti namoota ergee, «Ani tajaajilaa keeti; ilma keetille'e. Koyiitii worra na loliisatti jiranu harka mooticha Sooriya'aatii fi Israa'elii jalaa na baasi» jedhe.