2 Kings 17:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri aada isaa gula yau dide, wold'aqisa inni ababoota worra woliini tolfate guutu dide, gorsa isale ch'aqasu dide. Worri waan woma imbaane, ka harkaani boch'ani, kad'ate ufile woma bahu dad'abe. Ammalle worri aada gosa d'aatu worra jirtu gula yae, dubbi AABBO Waaqi worra seere, aada suni gula iyyaaiina jed'eeni ch'abse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waadaa inni abboota isaaniitii galee fi seera inni jabeesse, raaga isaallee tuffatani waan duwwaa ta'e hojjatanii worra bu'aa hin qabne ta'an; waan Rabbi isaan ajaje dhiisanii orma naannoo isaanii jiran hordofan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan seerata isaa, gondooroo isaa ta inni abbootii isaanii ta durii woliin gondooree fi waan inni isaan ifi eeggachiise tuffatane; waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofanee, isaanille ka gatii hin qanne te'ane; kolbaa biyya adda addaa ta adaala isaanii hordofanee, Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan godhanu hin godhina'a» jedhee isaan ajajulle, isaan waan Mootiin Waan Maraa isaan dhoogge san godhane.