2 Kings 17:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri faana Yeroboamu bahe, ch'ubbu inni tolche ch'ufa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen Israa'elii cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatan; worri Israa'elii haga Rabbi afoo ufiitii isaan balleessutti isaan cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjata'aa jiraatan malee cubbuu san irraa hin deebine; sababaa kanaaf worri Israa'elii biyya ufiitii booji'amanii fudhatamu'uun haga adhaa biyya Asoorii keessa jiraatan; worri Asoorii biyya Israa'elii keessatti akka quphatan taasifame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa akkuma karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin dubbate haga isaan ifi duraa fageessetti, Kolbaan Israa'elii cubbuu Yerobi'aam huje san ittuma hujane malee irraa hin deebine. Maarre kolbaan Israa'elii lafa ifii irraa gara Asoorii booji'antee, haga adhaa achi jirti.